Publicidade

2 Samuel 12

Naataan Daawudin Ifate

1 Rabbii Allaahanis Naataanin gara Daawuditti erge. Innis gara Daawud dhufee akkana jedhe; "Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture. 2 Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture; 3 namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte.

4 "Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse."

5 Daawudis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba! 6 Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii."

7 Naataanis Daawudiin akkana jedhe; "Namichi sun suma! Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera. 8 Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture. 9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Rabbii Allaah tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte. 10 Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’

11 "Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa. 12 Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’ "

13 Kana irratti Daawud Naataaniin, "Ani Rabbii Allaahatti cubbuu hojjedheera" jedhe.

Naataan immoo deebisee akkana jedhe; "Rabbii Allaahan cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu. 14 Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan Rabbii Allaah tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa."

15 Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee Rabbii Allaahan daaʼima niitiin Uuriyaa Daawudiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame. 16 Daawudis daaʼima sanaaf Allaah kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture. 17 Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne.

18 Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawud akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, "Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawuditti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa" jedhanii yaadanii turaniitii.

19 Daawud akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, "Mucichi ni duʼee?" jedhee gaafate.

Isaanis, "Eeyyee duʼeera" jedhanii deebisan.

20 Daawudis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana Rabbii Allaah seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate.

21 Tajaajiltoonni isaas, "Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!" jedhanii isa gaafatan.

22 Innis akkana jedhee deebise; "Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? Rabbii Allaahan garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture. 23 Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!"

24 Ergasiis Daawud niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Suleyimaan jedhanii moggaasan. Rabbii Allaahanis isa ni jaallate; 25 Rabbii Allaahan waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan nabiiʼiyyichaatiin dubbii erge.

26 Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate. 27 Yooʼaabis akkana jedhee Daawuditti ergamoota erge; "Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera. 28 Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti."

29 Kanaafuu Daawud loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate. 30 Daawudis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawud irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawudis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee 31 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawud magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawudii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-