Publicidade

2 Samuel 1

Daawud Akka Saaʼol Duʼe Dhagaʼe

1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawud Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture. 2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawud bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.

3 Daawudis, "Ati eessaa dhufte?" jedhee isa gaafate.

Namichi immoo, "Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe" jedhe.

4 Daawudis, "Maaltu dhalate? Mee natti himi" jedhee gaafate.

Innis, "Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru" jedheen.

5 Kana irratti Daawud dargaggeessa oduu kana fideen, "Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?" jedhe.

6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; "Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan. 7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.

8 "Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate.

"Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.

9 "Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.

10 "Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera."

11 Daawudii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan. 12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Rabbii Allaahatii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.

13 Daawudis, "Ati eessaa dhufte?" jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate.

Innis, "Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti" jedhee deebise.

14 Daawud immoo, "Yoos ati dibamaa Rabbii Allaah tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?" jedhee gaafate.

15 Ergasii Daawud namoota isaa keessaa tokko waamee, "Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!" jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe. 16 Daawudis, "Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Rabbii Allaahan isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa" jedheen.

Faaruu Daawud Saaʼolii fi Yoonaataaniif Faarse

17 Daawud faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe; 18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiifaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:

19 "Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera.

Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan!

20 "Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa;

daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa;

yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu;

intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu.

21 "Yaa tulluuwwan Gilboʼaa,

fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin;

yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu

biqilchu isin keessatti hin argamin.

Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii;

gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu.

22 "Dhiiga namoota dhumanii keessaa,

foon namoota jajjaboo irraa,

iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine;

goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine.

23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti,

jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan;

isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane.

Isaan risaa caalaa ariifatu,

leenca caalaas jabaatu turan.

24 "Yaa intallan Israaʼel,

Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise,

kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse,

sanaaf booʼaa.

25 "Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu!

Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera.

26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera;

ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte.

Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture;

jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture.

27 "Namoonni jajjaboon akkamitti kufan!

Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!"

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-