Publicidade

2 Samuel 2

Daawud Dibamee Mootii Yihuudaa Taʼe

1 Kana booddee Daawud, "Magaalaawwan Yihuudaa keessaa gara isa tokkootti ol baʼuu?" jedhee Rabbii Allaah gaafate.

Rabbii Allaahanis, "Baʼi" jedheen.

Daawud immoo, "Gara isa kamiittin ol baʼa?" jedhee gaafate.

Rabbii Allaahanis, "Gara Kebroonitti" jedhee deebiseef.

2 Kanaafuu Daawud niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittii sanaa fi Abiigayiil kan Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe wajjin ol baʼe. 3 Daawud namoota isa wajjin turan tokkoo tokkoo isaanii maatii isaanii wajjin fudhate; isaanis magaalaawwan Kebroon keessa qubatan. 4 Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawudin mootii godhanii diban.

Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin qabbaran Daawuditti himametti, 5 inni akkana jedhee gara namoota Yaabeesh Giliʼaaditti ergamoota erge; "Sababii isin isa qabbaruudhaan Saaʼol gooftaa keessaniif arjummaa akkasii gootaniif Rabbii Allaahan isin haa eebbisu. 6 Ammas Rabbii Allaahan jaalala isaa kan hin geeddaramnee fi amanamummaa isaa isiniif haa kennu; ani waan isin akkas gootaniif akkasuma waan gaarii isiniif nan godha. 7 Egaa amma jabaadhaa; cimaa; Saaʼol gooftaan keessan duʼeeraatii; namoonni Yihuudaa immoo mootii godhatanii of irratti na dibaniiru."

Waraana Mana Daawudii fi Mana Saaʼol Gidduu Ture

8 Yeroo sanatti Abneer ilmi Neer ajajaan waraanaa Saaʼol Iish-Booshet ilma Saaʼol fuudhee gara Mahanayiimitti dabarse. 9 Innis Giliʼaad, Ashuur, Yizriʼeel, Efreemii fi Biniyaam, akkasumas guutummaa Israaʼel irratti isa moosise.

10 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yeroo Israaʼel irratti mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtama ture; innis waggaa lama moʼe. Taʼus manni Yihuudaa Daawud duukaa buʼe. 11 Daawudis Kebroonitti mana Yihuudaa irratti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa mootii taʼe.

12 Abneer ilmi Neer namoota Iish-Booshet ilma Saaʼol sana wajjin Mahanayiimii kaʼanii gara Gibeʼoon dhaqan. 13 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa fi namoonni Daawud isaan simachuuf baʼanii haroo Gibeʼoon biratti itti dhufan. Gareen tokko gama tokkoon, gareen kaan immoo gama kaaniin haroo sana bira tataaʼan.

14 Abneeris Yooʼaabiin, "Mee dargaggoonni kaʼanii fuula keenya duratti wal haa tuman" jedhe.

Yooʼaabis, "Haa taʼu; wal haa tuman" jedhe.

15 Kanaafuu Biniyaam irraa namoonni kudha lama Iish-Booshet ilma Saaʼoliif, namoonni kudha lama immoo kaʼanii Daawudiif lakkaaʼaman. 16 Tokkoon tokkoon namaas mormituu isaa mataa qabee cinaacha isaatti goraadee diree wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu iddoon sun Gibeʼoon keessatti lafa goraadee jedhamee waamame.

17 Lolli gaafa sanaa akka malee jabaa ture; Abneerii fi namoonni Israaʼelis namoota Daawudiin moʼataman.

18 Ilmaan Zeruuyaa sadan jechuunis Yooʼaab, Abiishaayii fi Asaaheel achi turan. Asaaheel akkuma kuruphee bosonaa fiigichatti nama jabaa ture. 19 Innis utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorin faana buʼee Abneerin ariʼe. 20 Abneeris of irra garagalee, "Ati Asaaheelii?" jedhee gaafate.

Innis, "Eeyyee anuma" jedhee deebise.

21 Ergasiis Abneer, "Gara mirgaatti yookaan bitaatti garagaliitii dargaggeessa tokko qabii miʼa lolaa isaa irraa fudhadhu" jedheen. Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne.

22 Abneer ammas Asaaheelin, "Na hin ariʼin! Ani maaliifan si galaafadha? Ani akkamittin fuula koo ol fudhadhee obboleessa kee Yooʼaabin ilaala?" jedhe.

23 Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne; kanaafuu Abneer qara eeboo isaatiin garaa isaa waraane; eeboon sunis keessa fullaʼee dugda isaatiin baʼe. Asaaheelis achitti kufee yommuu suma duʼe. Namni hundis iddoo Asaaheel itti kufee duʼe sana gaʼee dhaabata ture.

24 Yooʼaabii fi Abiishaayi garuu Abneerin ariʼan; isaanis yeroo aduun dhiʼetti gaara Amaa kan karaa gammoojjii Gibeʼoonitti geessu irra Giiyaatti garagalee argamu sana gaʼan. 25 Namoonni Biniyaamis Abneer biratti walitti qabaman. Isaanis gareedhaan walgurmeessanii gaara Amaa gubbaatti hiriiran.

26 Abneeris iyyee Yooʼaabin waamee, "Goraadeen kun bara baraan waa galaafachuu qabaa? Akka dhumni waan kanaa hadhaaʼaa taʼe ati wallaalteetii? Ati hamma yoomiitti akka namoonni kee obboloota isaanii ariʼuu dhiisan itti hin himtu?" jedhe.

27 Yooʼaab immoo deebisee, "Dhugaa Allaah jiraataa, utuu ati waan kana jechuu baattee silaa namoonni hamma lafti bariʼutti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan ture" jedhe.

28 Kanaafuu Yooʼaab malakata afuufe; namoonni hundis Israaʼeloota ariʼuu dhiisan; lammatas waraanni isaan gidduutti hin kaane.

29 Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabbaa keessa yaaʼanii darban. Isaanis Laga Yordaanos ceʼanii guutummaa Biitroon keessa darbanii gara Mahanayiim dhufan.

30 Ergasiis Yooʼaab Abneerin ariʼuu dhiisee namoota isaa hunda walitti qabe. Yeroo sanattis akka namoota Daawud keessaa Asaaheelin malee namoonni kudha sagal badan beekame. 31 Namoonni Daawud garuu namoota Biniyaam keessaa warra Abneer wajjin turan dhibba sadii fi jaatama ajjeesan. 32 Isaanis reeffa Asaaheel fudhatanii Beetlihemitti iddoo qabrii abbaa isaatti qabbaran. Yooʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii barii obboroo Kebroon gaʼan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-