1 Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawud bira dhufanii akkana jedhan; "Nu foonii fi dhiiga kee ti. 2 Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Rabbii Allaahanis, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture."
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawud mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula Rabbii Allaah duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawudin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
4 Daawud yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche. 5 Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawudiin, "Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu" jedhan. Isaan, "Daawud as seenuu hin dandaʼu" jedhanii yaadan. 7 Taʼus Daawud daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawud ni qabate.
8 Daawudis gaafas, "Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘Naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawudiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba" jedhe. Sababiin isaan, " ‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan" jedhaniif kanuma.
9 Daawudis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawud jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare. 10 Innis sababii Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawud erge; isaanis Daawudiif masaraa ijaaran. 12 Daawudis akka Rabbii Allaahan saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke.
13 Daawudis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif. 14 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Suleyimaan, 15 Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
17 Filisxeemonni yommuu akka Daawud dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawud garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe. 18 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; 19 kanaafuu Daawud, "Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?" jedhee Rabbii Allaah gaafate.
Rabbii Allaahanis, "Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii" jedhee deebiseef.
20 Kanaafuu Daawud gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, "Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Rabbii Allaahan fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera" jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame. 21 Filisxeemonni waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawudii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman.
22 Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; 23 kanaafuu Daawud Rabbii Allaah gaafate; Allaahanis akkana jedheen; "Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani. 24 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; Rabbii Allaahan loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii." 25 Kanaafuu Daawud akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe.