1 Daawudis, "Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?" jedhee gaafate.
2 Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawud duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, "Ati Ziibaadhaa?" jedheen.
Innis, "Eeyyee, ana garbicha kee ti" jedhe.
3 Mootichis, "Akka ani arjummaa Allaaha isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?" jedhee gaafate.
Ziibaa, "Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa" jedhee mootichaaf deebise.
4 Mootichis, "Inni eessa jira?" jedhee gaafate.
Ziibaan deebisee, "Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira" jedhe.
5 Kanaafuu Daawud mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise.
6 Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawud bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef.
Daawud immoo, "Mefiiboostee!" jedheen.
Innis, "Garbichi kee kunoo ti" jedhee deebiseef.
7 Daawudis, "Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta" jedheen.
8 Mefiibooshetis harka fuudhee, "Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?" jedheen.
9 Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; "Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera. 10 Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata." Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture.
11 Ziibaanis mootichaan, "Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha" jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawud irraa nyaata ture.
12 Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan. 13 Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture.