Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Samuel 6

12 Yeroo kanatti, "Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise" jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide. 13 Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse. 14 Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture; 15 innii fi Israaʼel hundi "hoo" jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.

Veja também