Nama Fincilaa
1 Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana; 2 kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef. 3 Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. 4 Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; "Ani Waaqa" ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.