Publicidade

Apocalipse 15

Ergamoota Torba Kanneen Dhaʼichawwan Torba Harkaa Qaban

1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman. 2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan. 3 Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan:

"Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu,

hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha.

Yaa Mootii sabootaa,

karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.

4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,

kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu?

Si qofatu qulqulluudhaatii.

Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef,

saboonni hundinuu ni dhufu;

fuula kee durattis ni sagadu."

5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname. 6 Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan. 7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne. 8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-