Xiimotewos Phaawulosii fi Siilaasitti makame
1 Phaawulos ittuma fufee gara Darbeenii fi Lisxiraanii dhaqe; barataan Xiimotewos jedhamu kan haati isaa Yihuudii amantuu taate tokkos achi ture; abbaan isaa garuu nama Giriik ture. 3 Phaawulos akka Xiimotewos isa faana deemu barbaade; kanaaf sababii Yihuudoota naannoo sana jiraataniitiif jedhee dhagna isa qabe; isaan hundinuu akka abbaan Xiimotewos nama Giriik taʼe beeku turaniitii.