1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee2:1 Guyyaan Pheenxeqoosxee – Guyyaan kun naannoo caamsaa 20 taʼa; innis guyyaa Yihuudoonni ayyaana haamaa midhaanii itti ayyaaneffatan. Pheenxeqoosxee jechuun "Shantamaffaa" jechuu dha; kunis sababii ayyaanni kun erga ayyaanni Faasiikaa darbee guyyaa shantamaa booddee ayyaaneffamuuf. Ayyaanni kun ayyaanota warri Israaʼel waggaa keessatti ayyaaneffatan gurguddoo sadan keessaa isa tokko. Isaan guyyaa kanatti kennamuu seeraa yaadatu; yeroo ayyaana kanaatti dhiironni Yihuudootaa gara Yerusaalem dhaquun barbaachisaa ture. gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. 2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute. 3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa2:3 Waan akka arraba ibiddaa – Ibiddi mallattoo argamuu Waaqaa ti; murtii Waaqaa wajjinis ni deema. tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. 4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.