Haasaa Phexros
14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. 15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! 16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
17 " ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo,
ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;
ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee,
Hafuura koo nan dhangalaasa;
isaanis raajii ni dubbatu.
19 Ani ol samii irratti dinqii,
gad lafa irrattis mallattoo,
dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura,
aduun dukkanatti geeddaramti;
jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
21 Namni maqaa Gooftaa waammatu,
hundinuu ni fayya.’2:21 Yoe 2:28-32
22 "Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. 23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. 24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii. 25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate:
" ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture.
Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
foon koos abdiidhaan jiraata.
27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii;
qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.
28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta;
fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’2:28 Far 16:8-11
29 "Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa. 30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke. 31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos2:31 yookaan Masiihichaa, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. 32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti. 33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase. 34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha:
" ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe;
"Gara mirga koo taaʼi;
35 hamma ani diinota kee
ejjeta miilla keetii siif godhutti." ’2:35 Far 110:1
36 "Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku."
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, "Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?" jedhan.
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu. 39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname."
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, "Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa" jedhee isaan gorse. 41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.