36 Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate. 37 Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan. 38 Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.