22 Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu. 23 Kunis akka Kiristoos26:23 yookaan Masiihichi dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha."