44 "Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture. 45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture. 46 Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate. 47 Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
48 "Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
49 " ‘Samiin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree?
jedha Gooftaan.
Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’7:50 Isa 66:1,2