1 Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture.
Ariʼatama Waldaa Kiristaanaa
Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.