Pular para o conteúdo
Publicidade

Atos 8

32 Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana:

"Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee,

yookaan akkuma ilmoo hoolaa

kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu

akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

33 Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame;

eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa?

Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii."8:33 Isa 53:7,8

34 Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, "Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!" jedhee gaafate. 35 Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.

Veja também