Pular para o conteúdo
Publicidade

Qolosaayis 1

21 Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan. 22 Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera; 23 kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também

Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses