14 Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
15 Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. 16 Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa. 17 Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.