17 Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. 18 Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna."