2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Waaqayyoo kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe. 3 Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe.
Publicidade