Pular para o conteúdo
Publicidade

Keessa Deebii 13

Waaqota Biraa waaqeffachuu

1 Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, 2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, "Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu" siin jedhe, 3 ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. 4 Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também