20 Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu."
21 Ati garaa keetti, "Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?" jetta taʼa. 22 Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.