16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan;
waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.
17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif,
waaqota hin beekiniif,
waaqota reefuu dhufaniif,
waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
18 Ati Kattaa si dhalche gante;
Waaqa si uume irraanfatte.