Galateeffachuu fi Kadhachuu
15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee 16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne. 17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha. 18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha; 19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa 20 kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; 21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. 22 Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; 23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.