11 "Qondaaltonni mootichaa hundii fi sabni kutaalee biyyaa mootichaa akka mootichi yoo namni kam iyyuu dhiiras taʼu dubartiin utuu hin waamamin kutaa manaa isa gara keessaa ol seenee fuula mootichaa duratti dhiʼaate akka mootichi seera tokko qofa qabu jechuunis akka ajjeefamu ni beeku. Namni tokko yoo mootichi bokkuu mootummaa kan warqee sana diriirseef qofa ajjeefamuu oola. Ani mataan koo iyyuu guyyoota soddomman kana keessaa akkan fuula mootichaa duratti dhiʼaadhuuf waamamee hin beeku."