Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 16

11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; 12 "Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektujedhii isaanitti himi."

13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture. 14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan. 15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, "Wanni kun maali?" waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii.

Museenis akkana isaaniin jedhe; "Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Waaqayyo isiniif kennee dha.

Veja também