Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 18

17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; "Wanni ati gootu kun gaarii miti. 18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. 19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala."

Veja também