Pular para o conteúdo
Publicidade

Baʼuu 2

Dhalachuu Musee

1 Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe; 2 isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite. 3 Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse. 4 Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte.

5 Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite. 6 Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, "Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha" jette.

7 Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, "Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?" jette.

8 Isheenis, "Eeyyee, dhaqi" jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte. 9 Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, "Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa" jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte. 10 Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, "Ani bishaan keessaa isa nan baase" jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte.

Veja também