10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga."
11 Museen garuu Waaqaan, "Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?" jedhe.
12 Waaqnis akkana jedhe; "Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa."