2 "Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii? 3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan. 4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju. 5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan. 6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
Hisqiʼeel 34:2-6
Em outras traduções
- ONOCV New Oromo Contemporary Version
2 "ያ እልመ ነማ፣ ትክሶተ እስራኤልት ራጂ ዱበዹቲ አከነ ጄዺን፦ ‘ዋቀዮ ጎፍታን አከነ ጄዸ፦ ትክሶተ እስራኤል ወረ ኦፉመሳኒ ቆፈ ሶረኒፍ ወዮ! ትክሶትን ቡሻዬ ሶሩ ህንቀበኒ? 3 እስን ጮመ ንኛቱ፤ ሱፊ ንኡፈቱ፤ ሆሪ ገበታ ንቀለቱ፤ ቡሻዬ ገሩ ህንሶርተን። 4 እስን ደዸባ ህንጀቤስኔ ዮካን ዹኩብሰታ ህንፈይፍኔ ዮካን ጨባ ህንወልኣኔ። ከኔን ምልቀን ህንዴብፍኔ ዮካን ከኔን በደን ህንበርባድኔ። ሁምናፊ ገረ ጀብናን እሳን አጀጁ። 5 ከናፉ እሳን ሰበቢ ትክሴን ህንጅሬፍ ብትናአን፤ ዬሮ ብትናአንትስ ብኔንሶተ ቦሶናቲፍ ሶረ ተአን። 6 ሆሎትንኮ ጋረን ሁንዳፊ ቱሉወን ኦል ዼዼሮ ሁንደረ አሲፊ አች ጆረን። እሳን ጉቱማ ለፋረ ፈፈጨአን፤ ነምን እሳን እላሉ ዮካን እሳን በርባዱ ቶኮዩ ህንቱሬ።
- KQTAB Oromo Contemporary Scriptures
2 "Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii? 3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan. 4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju. 5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan. 6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
Direitos das traduções citadas
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.