Pular para o conteúdo
Publicidade

Hisqiʼeel 35

Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu; 3 akkanas jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha. 4 Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.

5 " ‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite; 6 kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. 7 Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta. 8 Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu. 9 Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.

10 " ‘Sababii ati, "Waaqayyo achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna" jetteef, 11 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa. 12 Ergasiis akka ani Waaqayyo wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, "Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru" jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta. 13 Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera. 14 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa. 15 Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ "

Todos os capítulos de Hisqiʼeel 48
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.