Pular para o conteúdo
Publicidade

Fiiliphisiyuus 1:12-14,20,21

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

Hidhamuun Phaawulos Wangeela Babalʼise

12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.

20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. 21 Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    12 ያ ኦቦሎተ፣ ወንት ነረ ገኤ ኩን ዹጉማን ወንጌለ በበልእሱፍ ገርጋሩሳ አከ ቤክተን ነንበርባደ። 13 ከናንስ ክርስቶሲፍ ጄዼ ህዸሙንኮ ጉቱማ መሰራቲፊ ነሞተ ካን ሁንደ ብረት ቤከሜረ። 14 ሰበቢ አን ህዸሜፍስ ኦቦሎተ ኬሳ ገር ጫላን ጎፍታ አመነተኒ፣ ዱቢ ዋቃ ሶዳ መሌ ዱበቹፍ እጀ ጀብነ ጉዳ አርገተኒሩ።

    20 አን አኩመ ዬሮ ካኒ አመስ ጅሬኛንስ ተኡ ዮካን ዱኣን እጀ ጀብናን ዱበቹንኮ አከ ክርስቶስ ዸግነኮ ኬሰት ኡልፍነ አርገቱፍ መሌ ከራ ከሚንዩ አከ ህንቃኖፍኔፍ ባይእሴ ነንሀወ፤ ነንአብደዸስ። 21 አናፍ ጅራቹን ክርስቶስ፤ ዱኡንስ ቡኣዸ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan injiila babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13 Kanaanis Al-Masiihiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Allaaha sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.

    20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Al-Masiihiin dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. 21 Anaaf jiraachuun Al-Masiihii dha; duʼuunis buʼaa dha.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Filipenses
Ver todos os capítulos de Filipenses