Hidhamuun Phaawulos Injiila Babalʼise
12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan injiila babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13 Kanaanis Al-Masiihiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Allaaha sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Al-Masiihiin dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas. 21 Anaaf jiraachuun Al-Masiihii dha; duʼuunis buʼaa dha.