Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu
1 Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. 2 Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu. 3 Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa. 4 Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa; 5 tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii.