Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 1

26 Waaqnis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.

27 Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Waaqaatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

28 Waaqnis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.

Veja também