27 Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume;
akka bifa Waaqaatti isa uume;
innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
28 Waaqnis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.