Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 16

Aggaarii fi Ishmaaʼeel

1 Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte; 2 Saaraanis Abraamiin, "Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii" jette.

Abraamis waan Sooraan jette fudhate. 3 Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.

Veja também