23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; "Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa? 24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu? 25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?"
26 Waaqayyos, "Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha" jedhe.
27 Abrahaam ammas akkana jedhe; "Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera; 28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?"
Innis, "Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu" jedhe.
29 Abrahaam amma illee, "Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?" jedhee isatti dubbate.
Gooftaanis, "Ani warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa" jedhe.
30 Abrahaamis, "Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?" jedhe.
Gooftaanis, "Ani yoon nama soddoma achitti argadhe ishee hin balleessu" jedhee deebise.
31 Abrahaamis, "Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?" jedhe.
Gooftaanis, "Ani sababii namoota digdama sanaatiif jedhee ishee hin balleessu" jedhe.
32 Abrahaamis, "Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?" jedhe.
Gooftaan immoo, "Ani sababii namoota kurnan sanaatiif jedhee ishee hin balleessu" jedhe.
33 Waaqayyos erga Abrahaam wajjin dubbatee fixee booddee achii deeme. Abrahaam immoo iddoo ofii isaatti deebiʼe.