21 Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. 22 Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
23 Namichis akkana jedhe;
"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;
foon kunis foon foon kootii ti;
isheen waan dhiira irraa argamteef
‘dubartii’ jedhamti."
24 Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.