Pular para o conteúdo
Publicidade

Uumama 21

17 Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; "Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii. 18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi."

19 Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.

Veja também