Pular para o conteúdo
Publicidade

Uumama 27

Yaaqoob gara Laabaatti baqate

41 Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, "Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa" jedhee yaade.

42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; "Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada. 43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu. 44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi. 45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?"

Veja também