3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef. 4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.