20 Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse.
Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti, 21 Waaqayyo isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe.