Pular para o conteúdo
Publicidade

Uumama 4

12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata."

13 Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; "Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol. 14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa."

15 Waaqayyo garuu, "Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama" jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe. 16 Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.

Veja também