Yoosef Of Beeksise
1 Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, "Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!" jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre.
4 Yoosefis obboloota isaatiin, "Mee as natti dhiʼaadhaa" jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; "Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha! 5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii.
15 Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.