Yoosef Of Beeksise
1 Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, "Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!" jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre. 2 Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
3 Yoosefis obboloota isaatiin, "Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?" jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.