Bishaan Badiisaa
1 Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, 2 Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. 3 Yommus Waaqayyo, "Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa" jedhe.
4 Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
5 Waaqayyos akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge. 6 Waaqayyos waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde. 7 Kanaafuu Waaqayyo, "Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii" jedhe. 8 Nohi garuu fuula Waaqayyoo duratti surraa argate.
9 Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha.
Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture.