Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 7

7 Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan. 8 Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan, 9 kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan. 10 Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.

Veja também