Publicidade

Hebreus 1

Dubbii Waaqayyoo Kan Xumuraa: Ilma Isaa

1 Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3 Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. 4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.

Ilmi Ergamoota Caaluu Isaa

5 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

"Ati Ilma koo ti;

ani harʼa si dhalcheera"1:5 Far 2:7

Yookaan isa kamiin,

"Ani isaaf Abbaa nan taʼa;

innis Ilma naa taʼa"1:5 2Sm 7:14; 1Sn 17:13

jedhee beeka? 6 Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,

"Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan"1:6 Far 104:4

jedha. 7 Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus,

"Inni ergamoota isaa hafuurota,

tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha"1:7 Far 104:4

jedha. 8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;

"Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;

bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.

9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;

kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee,

hiriyoota kee si caalchise."1:9 Far 45:6,7

10 Akkasumas inni akkana jedha;

"Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;

samiiwwanis hojii harka keetii ti.

11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;

12 ati akkuma wayyaatti isaan marta;

isaan akkuma uffataatti geeddaramu;

ati garuu sanuma;

umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu."1:12 Far 102:25-27

13 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

"Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,

gara mirga koo taaʼi"1:13 Far 110:1

jedhe? 14 Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-