Pular para o conteúdo
Publicidade

Hebreus 10

35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.

36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.

37 "Yeroo xinnoo keessatti,

inni dhufuuf jiru ni dhufa;

hin turus."10:37 Isa 26:20; Anb 2:3

38 Akkasumas,

"Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata.

Kan duubatti harkifatu immoo

ani itti hin gammadu."10:38 Anb 2:3,4

39 Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.

Veja também